Тёмный

"Waan na hin beeyne na barsiisee na biraa deeme" Dhaddacha Jaalalaa 27 

Nuuralhudaa
Подписаться 209 тыс.
Просмотров 23 тыс.
50% 1

Iyyannoo 1ffaa
Galmee iyyannoo GIY-57
Maqaan koo M.H Jedhama. Jaartii waan hundaan naaf taatu takka qaba. Anis hedduun jaaladha. Isiinis na jaalatti. Garuu jaartiin tiyya tun iccitii ofii duutee na dhoyfatti. Keessa isii baruuf wanti an hin goone hin jiru. Garuu haala isii baruu hin dandeenye. Yeroo tokko tokko waanuma an beekus na dhoysuuf yaalti. Sababuma kanarraa ka’ee shakkuu eegale. Nuti lameenuu biyya arabaa jirra. Achumatti wal fuune. Ani waraqaa hayyama jireenyaa waan hin qabneef, qabamee gara biyyaa gale. Baatii 8 biyya ture. Baatii saddeettan kana isiin achuma turte. Achi booda an biyya arabaatti deebi’ee wajji jiraachuu eegalle. Garuu yeroo tana shakkiin natti dabalamaa dhufe. Jaalallis hir’achaa jira. Isiin akkuma amala isiitti na sobuufi na dhoysuuf yaalti. Wanti kun jireenya keenya jeequtti waan jiruuf gama keessan dhufe. Furmaanni kiyya maali? Galatoomaa.
Iyyannoo 2ffaa
Galmee iyyannoo GIY-58
Akkam jirtan qopheessitoota qophii dhaddacha Jaalalaa. Way waa tole bareedinni sagantaa keessanii. Keeysaahuu sheekni keenya Dr liwaa’ul islaam akkaataan murtii itti nuuf kennu hedduu nama gammachiisa. Sheekhni keenya dhugumaan hayyuu namaati. Rabbiin umrii nuuf haa dheeressu. Ani maqaan koo L.A jedhama. Dhihoo tana baatii 4 dura heerume. Abbaan warraa kiyya Ameerikaa irraa dhufee asitti na fuudhe. Baatii 3 na wajji jiraatee na biraa deeme. Kabajaa dubrummaa qabadhee abbaa warraa kiyyatti heerume. Isa dura dhiira tokkolleen wal hin argine. Abbaan warraa kiyya umriidhaan hedduu narra guddaadha. Nama amata 40 oliiti. Animmoo amata 19 reef guute. Dhugaa dubbatan murtii haqaa argatani. Kanaafuu osoma qaanfadhuu dirqimaan waan na dhibde iyyadha. An osoo hin heerumin dura jiruu nagayaa jiraachuu ture. Amma eega inni na wajji jiraatee na biraa deemee booda jiruun natti golgolooyte. Walumaa galatti haalli jiruu hedduu natti ulfaate. Kophaa kiyya jiraachuun hedduu na rakkise. Iyyannoo kiyya akka gaaritti naaf hubattan jedhee yaada. Mee furmaanni kiyya maali? Akka Rabbiin hamtuu irraa na tiysus du’aa’ii naaf godhaa. Anaatu qalbii tiyya beeka. Kanaaf du’aa’ii naaf godhaa isiniin jedhe. Galatoomaa!
Copyright Notice:
Reuploading any of our videos or content to another RU-vid channel or platform without our explicit consent is a violation of our copyright. We do not tolerate such actions.
We actively monitor for unauthorised use of our content. If we discover that our content has been reuploaded without permission, we reserve the right to take appropriate legal action, including reporting the infringement to RU-vid and requesting the removal of the unauthorised content.

Опубликовано:

 

30 окт 2024

Поделиться:

Ссылка:

Скачать:

Готовим ссылку...

Добавить в:

Мой плейлист
Посмотреть позже
Комментарии : 112   
Далее
Jaalala Waggaa 11 Bishaan Taate😭😭😭
18:38
Просмотров 52 тыс.
Встреча в Лифте 😂
00:43
Просмотров 180 тыс.
Maaliif Salaanna? | Farhiyaa Aadam 2024
12:10
Просмотров 242 тыс.
"Qaama Saalaa 2 Qabdi" Dhaddacha Jaalalaa 26
29:40
Просмотров 61 тыс.
RNH 836, December 7, 2023 Jaarmaya Bultii
26:31
Просмотров 8 тыс.
GAFFILEE ADDA ADDA DEBISSA WAALIN ||Sheikh Anwar Yusuf
28:10
RNH 842, January 4, 2024 Jaarmaya Bultii
35:10
Просмотров 30 тыс.