Тёмный

Jaartiin tiyya nyaata godhuu hin beeytu - Dhaddacha Jaalalaa Doosee 2ffaa 

Nuuralhudaa
Подписаться 186 тыс.
Просмотров 10 тыс.
50% 1

Iyyannoo 1ffaa
An iyyataa J.B je'ama. iyyannoon kiyyas akka asii gadii kana. haati warraa tiyya jaalatamtuun bareeda ija kuulaati. gama bareedina fuulaatii ana biratti fakkaattuu hin qabdu. haalaa amalli isiitis waan itti hafe hin qabu. walumaa galatti toltuu haalaa amalaati jechuu nin dandaya. gama ibaadaatiinis haalaan jabduudha. yeroo heddu qur'aana qara'uu jaalatti. Soomanas torbanirraa guyyaa 2 dhiistee hin beeytu. rakkoon an isii irraa himachuuf deemu waanuma takka qofa. intalti toltuun bareedduun gaariin tun, ogummaa nyaata godhuu jabaa hin qabdu. nyaanni isiin gootu hedduus natti hin mi'aawu. sababaa kanaaf yeroo heddu nyaata isiin naaf gootu waanuma xiqqoo irraa nyaadhee quufee jira je'ee dhiisa. eega manaa bahee booda hoteelaa nyaata biroo ajajadhee nyaadha. garuu waan kana isitti dubbadhee hin beeku. wayta isiin nyaata gootee natti fiddu, nyaanni kee mi'aawaadhan je'aan. garuu kijibutti jira. nyaanni isiin gootu guyya takkas natti mi'aawee hin beeku. tanaaf iyyannoo kiyya qopheeyfadhee gama dhaddacha kanaa dhufe. Abbaan murtiitis iyyannoo kiyya kana ija shari'aa islaamaatiin laalee murtii haqaa akka naaf murteeysu kabajaanin gaafadha.
Iyyannoo 2ffaa
An iyyattuu N.M jedhama. iyyannoon kiyyas akka asii gadii kana. badhaasa Rabbiin kiyya na badhaase keessaa guddichi abbaa warraa kiyya. inni anaaf waa hunda naaf tahe. yeroo gaddu isatu na booharsa. yeroo gammadu isatu daran na gammachiisa. daqiiqaa takkaafis dallansuu tiyya arguu hin fedhu. abbaan warraa kiyya gaariin kun, haadhaafi abbaas hin qabu. Rabbiin Jannataan isaan haa qananiisuuti. an ammoo Rabbiin umriin naa tursiisee haati tiyya lubbuun jirti. garuu biyya adda addaa jirra. abbaan warraa kiyya haadha tiyya hangan ani jaaladhu daran jaalata natti fakkaata. yeroo garii bakkan an hin jirretti itti bilbilee haasoysiisa. yaa ummaa tiyya, yoo rakkina qabaatte naaf himi jedhaan. akkasitti waan isiin rakkatte hunda gargaara. gaafa tokko ummaan tiyya haajaa takkaaf mallaqa barbaaddee natti himatte. yeroo kanatti jaarsi kiyya rakkina mallaqaa akka qabu waanin beekuuf, rakkoo ummaa tiyyaa tana itti himuu hin feene. "Yaa ummaa tiyya, amma nuti mallaqa gahaa hin qabnu, yeroof mallaqa garuma birootii barbaadi" jedheenii telefoona cufe. guyyaa muraasa booda jaarsi kiyya dubbii tana nama biroorraa dhagahee hedduu natti dallane. akkamitti rakkoo isii na dhoysita. yoo mallaqa dhabnes nama biroo irraa fuunee erguufii qabna malee akkamitti isii hoongeysina jedhee naan lole. dubbiin tun hedduu natti ulfaatte. silaa rakkoon ilma namaa hin dhumtu. adaduma ummaan tiyya mallaqa barbaadduun mallaqa fidi jechuun natti ulfaate. gama birootiin jaarsi kiyyas rakkoo ummaa tiyyaa akka isa dhoysu hin fedhu. waan hundaaf mallaqa ergi jechuun tun way jaalala inni ummaa tiyyaaf qabu tana hirristii jedhee sodaadhe. gama kaaniin rakkoo ummaa tiyyaa isa dhoysuunis waan hin taane. jaarsi kiyya natti dallana. dubbii tanaaf furmaata dhabnaan iyyannoo kiyya qopheeffadhee gama dhaddacha jaalalaa dhufe. iyyannoon kiyya kana. murtii abbaa murtii eega.

Опубликовано:

 

13 июл 2022

Поделиться:

Ссылка:

Скачать:

Готовим ссылку...

Добавить в:

Мой плейлист
Посмотреть позже
Комментарии : 28   
@bentislam1930
@bentislam1930 Год назад
Amiiiiiiiiiiiiiiiiiiiin Amiiiiiiiiiiiiiiiiiiiin Amiiiiiiiiiiiiiiiiiiiin yaa Allah jzk
@AllahamdulilahRabbiilallaamin
@AllahamdulilahRabbiilallaamin 8 месяцев назад
Wa'alleeykumsallam worahimatullah wabbarakatuhu maashaa allaaaahaa Qophiin kessani nama gammachisaa jazaa kallaahu keeyrani
@alfiyaaalfuukoo2782
@alfiyaaalfuukoo2782 Год назад
Salalallahuu alleehyii wassalam Salalallahuu alleehyii wassalam jzk
@mandeeqabukar3476
@mandeeqabukar3476 Год назад
Mashaa Alla mashaa Allah rabii
@bashatoarsii3408
@bashatoarsii3408 Год назад
Sallaallaahu lleeyii wasaallaammii sallaallaahu lleeyii wasaallaammii sallaallaahu lleeyii wasaallaammii
@ekramekram4315
@ekramekram4315 Год назад
Wa wr wb mashaa allah
@sumayasummaya6531
@sumayasummaya6531 Год назад
Waleeykm salaam waraamtluhii wabarakaatuhu
@seenaashaabuu7903
@seenaashaabuu7903 Год назад
Wow masha allah itti fufa
@oromotiiarsii9115
@oromotiiarsii9115 2 года назад
Maa badan urjiwaan dinii 🥺❤
@mucatiioromoosanyiijawwar5040
@mucatiioromoosanyiijawwar5040 2 года назад
Mashaa Allaah Rabbii isinii irraa haa Jallaatuu Essa nurra badanii isinii yanee💔💔💘😢😢
@ummuyaazidi3657
@ummuyaazidi3657 2 года назад
As wr wb bagaa nagayaa dhuftaani yaa dhaddachaa jalaalaa baayee tokkoo isiin yaanee
@habibaaman7413
@habibaaman7413 2 года назад
Welcome dadachaa jalalaa rabbii isiniraa haa jalatuuui
@tor3910
@tor3910 Год назад
S.A.W
@kichuuwallaggaa2236
@kichuuwallaggaa2236 2 года назад
Fariyaa baga nagayan dhuftaan
@kadiiradam5418
@kadiiradam5418 Год назад
As wr wb
@foziyaoromo402
@foziyaoromo402 2 года назад
Baga nagayn dhuftani
@ililiabrahami9525
@ililiabrahami9525 Год назад
Masha allah tabarakala
@bentislam1930
@bentislam1930 Год назад
Walekumusam waramatulaahi wabarakatu Sallahalahu Alleehiy wasalam
@shamseshow5466
@shamseshow5466 2 года назад
Bagaa Nagaan dhuftanii
@ssesss1235
@ssesss1235 Месяц назад
❤❤❤🎉🎉🎉
@sumayasummaya6531
@sumayasummaya6531 Год назад
👍👍👍👍👍👍👍👍👍👍
@mucatiioromoosanyiijawwar5040
@mucatiioromoosanyiijawwar5040 2 года назад
Sallaallaahu Aleyhi wasallaam Sallaallaahu Aleyhi wasallaam
@kilamamo5170
@kilamamo5170 2 года назад
As wr WB jiraa jiratuu obollewwaan tiyyaa essaa badan
@nurajituuoromiyaa6612
@nurajituuoromiyaa6612 2 года назад
Aslamaaleykum woramatulahi wobarkatuu esaa badaan yaa qaro din isilam
@mashomuktar2798
@mashomuktar2798 2 года назад
Welcome🎉🎉🎉
@jameelaj977
@jameelaj977 2 года назад
Weel came
@leyilaaaliyyii4124
@leyilaaaliyyii4124 2 года назад
🥰🥰🥰🥰🥰
@ililiabrahami9525
@ililiabrahami9525 Год назад
As wr wb
Далее
Finger Heart - Fancy Refill (Inside Out Animation)
00:30
SABABTA MAAHIR LOO QAATAY
30:55
Просмотров 33 тыс.
Dhaddacha Jaalalaa doosee 1ffaa
8:10
Просмотров 10 тыс.