Тёмный
No video :(

"OOFUU" Farfataa Dastaa Hinsarmuu 

DASTAA HINSARMUU
Подписаться 44 тыс.
Просмотров 82 тыс.
50% 1

Ayyaanni Waaqayyoo naaf baay’atee faarfannaa hedduu barreesseera faarfadheeras. Waanan hamma har’aatti faarfadhe hunda isaa iyyuu kan gabatee sammuu kootti naaf naqe, kan afaan koo irra naaf tuule, fi kan qooqa fi sagalee ani ittiin isa faarfadhu naaf kenne Waaqayyo waan ta’eef kanan ittiin of jaju miti. Hundi isaa iyyuu maddi (source) isaa tokkicha waan ta’eef ulfinni Waaqayyoo ittiin mul’ateera jedheen amana. Hunda caalaa garuu faarfannaa ani dhaggeeffadhee hin quufne kan yeroo hundumaa guddummaa Waaqayyoo fi hojii isaa isa dinqisiisaa na yaadachiisu faarfannaa “OOFUU” jedhu dha. Walaloon ykn lyrics faarfannaa kanaa akka armaan gadii ti.
Hundumtuu utuu hin turiin kan turte qofaa kee
Eenyu inni afaan guutee xiqqeessu maqaa kee
Ilma namaa yartuu beekumsi muraasaa
Qalbiitu raatessee itti buusa haasaa
Mixiin Leenca wajjin wal’aansoo dhaqaa ree?
Supheen suphee dhooftuu gaaffii gaafataaree?
Dinqisiifatamuu qabda yaa uumaa koo x3
Wanta boca hin qqbne addunyaa dukkana
Bareechitee uumte kunoo akka kana
Samii hagana ga’u akka Dibaabee tti
Dhistee nurra keesse jechaan utubdee ti
Lafa hammana ga’u waan safara hin qabne
Waan hundumaan guutte homaa itti hin waakkanne
Dinqisiifatamuu qabda yaa uumaa koo x3
Oofuu oofuyee uumaa koo siif oofuu
Safuu safuu kee uuma koo siif safuu
Ol jennee gubbana yoo abuurre Hawwaa
Hundumaan guutuu dha maaltu itti qaawwa
Bantii waaqaa keessa biyya mootummaa kee
Maccatu quufee bula ilaalee surraa kee
Ergamoota danuu kumaaf kitilaani
Warra ati isaan guutte humnaaf Ibiddaani
Isa durumaa ture isa jiruuf jiraatu
Jedhanii huursanii maqaa kee faarfatu
Ifoota gararraa situ taa’ee ifa
Macci kun hundumtuu si ilaalee quufa
Dinqisiifatamuu qabda yaa uumaa koo x3
Waggoota biliyoonaaf Biiftuun ifaa jirtu
Hurjiin Samii keessa faca’ee mul’atu
Ji’I halkan waarii ifa laachuuf baatu
Nuuf hin galle malee dinqii kee dubbatu
Allaattiin waaqa irraa Bineeldonni manaa
Munyuuqaan Lafa irraa Qurxummiin Galaanaa
Kaan riphee qaxxisee kaan garaan foqoqee
Kaan ol jedhee adeemee kaan suutumaan siqee
Oogummaa kee labsa dinqii uumuu keetii
Maaltu keessaa qaba kun hunduu kan kee ti
Dinqisiifatamuu qabda yaa uumaa koo x3
Oogummaan kee danuu beekumsi kee adda
Wanta odeeffamee hin of biraa qabda
Addaam lafa hin jirree wanta hin jirre irraa
Bareecchitee uumte Biyyoo gatamaa irraa
Hewaanis kunoo ti Lafeen Foon uffatte
Safuu dha jiruu keef qalbii koo fudhatte
Dinqisiifatamuu qabda yaa uumaa koo x3
Galaana mul’ifte waan biraa irraa kaaftee
Tulluu Lafa keessaa dhiittee achii ol baafte
Addanni Gammoojjii kun Tulluu Bosonaa
Kun Lafa misoomaa kunimmoo Lafa onaa
Suni fiixee gaaraa sun suluula dhooqa
Oggum oogummaan kee qalbii nama hanqooqa
Dinqisiifatamuu qabda yaa uumaa koo x3
Qajeelfama dhoksaa gorsa kee addaani
Kunoo toora galee adeema Goondaani
Ganna teessee nyaatti waan Bona ol keesse
Ati goonan malee Mixii maaltu gorsee?
Dinqisiifatamuu qabda yaa uumaa koo x3
Uumamni sirnaa’uun qajeelfama kee ti
Hundumtuu irraaf jalaan caasaa qooddatee ti
Isa kaaniif gooftaa isa kaaniif giiftii
Hawwaanisaaf gurmuu Kanniisaafis mootii
Jaldeessaafis kootaa Qamaleef Kootama
Seera kee kabajuun waliif abboomama
Dinqisiifatamuu qabda yaa uumaa koo x3
Biqilaa Lafa irraa muka babbaa’eessa
Kaan keessa jiraata kaan balaa itti dheessa
Odaa fi Waleensuu Ejersaaf Birbirsa
Sagalee itti ergitee yaafte Lafa keessaa
Dinqisiifatamuu qabda yaa uumaa koo x3
Jireenyi kennaa dha carraan siin qoodame
Namni ofii of nyaata yaada isaan goolamee
Joobirri fagaatee samii irra akka kaatu
Handaaqqoonis asii akka kosii haatu
Leenci daggala irraa akka foon folloksu
Hadurreenis manaa akka suuqa teessu
Gafarsi handaraqee burraaqee akka bulu
Qotiyyoonis wanjoo akka baachaa oolu
Harreen diidaa nyaatee dhugee da’oo ciisa
Harree manaa xeebatu dugda ishee luqqisa
Wangoon Hoolaa nyaatee dabalataaf dutu
Sareen mana keessaa kajeellattee bultu
Hundumtuu iddoo isaatti gammadee jiraata
Qooqa garaagaraan ulfina siif laata
Dinqisiifatamuu qabda yaa uumaa koo x3
© Dastaa Hinsarmuu Official.
‪@dastaahinsarmuu5175‬ #dastaa-Hinsarmu #oromoo-music #subscribe

Опубликовано:

 

21 авг 2024

Поделиться:

Ссылка:

Скачать:

Готовим ссылку...

Добавить в:

Мой плейлист
Посмотреть позже
Комментарии : 102   
@Biqilaa-Kabbadee
@Biqilaa-Kabbadee 2 года назад
Ifoota gararraa situu taa’ee Ifa. Ameen!
@farfatuubirqiimargaa8468
@farfatuubirqiimargaa8468 2 года назад
Nagaan waqqayoo siif yaa ta,uu Bikila kotuu jalalaa waqqayoon matii koo naf ta'ii
@ayeetuushow
@ayeetuushow 2 года назад
Uuuuuuffff ameen Ameen ebifaamaa waqaayo tii gudisee isinaa ebisuu
@SegniTafese
@SegniTafese Месяц назад
Ameen Waaqayyo guddaa si haa ebisuu ❤❤❤❤❤❤
@AlemTolesa
@AlemTolesa 28 дней назад
Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen ebbifamii dachaa
@user-my3lr5xf9y
@user-my3lr5xf9y 3 дня назад
Ebifamii ameen ameen ameen 😊
@MisganuBabuMulata-cz4eu
@MisganuBabuMulata-cz4eu 2 месяца назад
safuudha!!waaqayyo isa waan hundumaan si badhaasee ulfina isaa akka himtuuf carraa siif kenneef galatni haa ta'u. dastiyyee
@Alima-ec6nb
@Alima-ec6nb Месяц назад
Ameeeeeeeen.safuuu.hojii.goftaaf.ogeessaadha.atti
@RetaSori
@RetaSori 2 месяца назад
God bless you ! nothing has touched my life like your song I love you so much. may evil not see you and may god stand by you!.😍😍😍😍😍😍😍😍
@Eliyaas726
@Eliyaas726 7 месяцев назад
Baaaay'ee Raajidha. Safuu|*5 waaqayyoo!! Sammuu kana sibadhaasef, daqiiqaa 9 qofa keessattii Guutuu Addunyaa umuu waaqayyoo lallabuu.
@Biqilaa-Kabbadee
@Biqilaa-Kabbadee 2 года назад
You are Legendary Singer.
@dastaahinsarmuu5175
@dastaahinsarmuu5175 2 года назад
Thank you brother. I thank God about you as well 🙏
@user-pv1hq4qr6n
@user-pv1hq4qr6n 7 месяцев назад
Waqaayoon si ebbisuu
@abarish1249
@abarish1249 2 года назад
Hunudumtu utu in turin kan turte kobakee 💯💯💯💯💯❤❤❤❤❤❤
@solomontashoma
@solomontashoma Год назад
Dhugaa Dubbachuuf Atillee Dinqisiifatamuu Qabda. Hojii kana Akkanaan itti yaaddee hojjechuu keef!
@horabulaa5996
@horabulaa5996 2 года назад
Ameen Ameen Ameen waqaayyo Baraa kee haa Eebbisu Eebifaami ♥️❤️❤️❤️💚💚💚💚💚♥️🙏🏽🙏🏽🙏🏽🙏🏽🙏🏽❤️❤️💚💚💚💚Waqaa humaa keenya galaata kee siin, humamnee
@farfatuubirqiimargaa8468
@farfatuubirqiimargaa8468 2 года назад
Nagaan waqqayoo siif yaa ta,uu Hora bula kotuu jalalaa waqqayoon matii koo naf ta'ii
@iyesusabdiijiraatadhaa1384
@iyesusabdiijiraatadhaa1384 Год назад
Dasoo bara kana maalif farsa basu dhistee ? Yoo bastemo isa akka bara kana hin basin akuma duri keti hojedhu adara ❤❤ farsa keefi kan adisu wayimatu akkan goofta iyesusin jalaadhu akkan fayyis lubbukoo gudhadhu na godhe bara xinuma ko 😭❤ Ani yeroo sana xiqqoodha muriinko wagga 10 hin caluu garuu ortodoksi ta'ee farsa kee yeroon dhageefadhu nan bo'a malif akkan bo'u hin beekkuu turee oso hin turee waldaa dhaqen amane Durani immoo benxe hin jalladhu turee !! Ajaa'ibbaa ❤❤❤❤
@yesuusgargaaraakooyeroohun7641
@yesuusgargaaraakooyeroohun7641 2 года назад
AMEEEEEEN AMEEEEEEN AMEEEEEEN AMEEEEEEN AMEEEEEEN EBIFAAMA DACHAA DACHAADHAAN DHUGAADHA WAAQAYYOOF SAFUUDHAA HOJJIIN HARKA ISAA HUNDUU DINNQIIDHAA MAAQAN ISAA HAA HULFAATUU BARUMA BARAAN ☝🙇‍♀️🙇‍♀️🙇‍♀️🙏🙏🙏🙏💔💔💔✅✅✅💯💯💯🥰🥰🥰😍😍😍💝💝💝💖💖💖💓💓💓❤❤
@user-tz9iq6pq8g
@user-tz9iq6pq8g 4 месяца назад
Ummanni kan sin dursin Waaqayyo innii du'u rsiitaa
@tizitadamissie9226
@tizitadamissie9226 6 месяцев назад
Goftaan sii haa ebisu nuuf jiradhu
@johnytechh5035
@johnytechh5035 2 года назад
Ameeeeeen Ameeeeeen Ameeeeeen Ebifamii ebifamii dachaa dachaa maqa gooftaa yesusni Ebifamaa
@fantudessalgne950
@fantudessalgne950 2 года назад
Dinqisiifatamuun kan ta'uu qabu kiristoos iyeesuus waaqayyoon waan ta'eef gooftaan galata keenyaa haa simaatuu ameen
@farfatuubirqiimargaa8468
@farfatuubirqiimargaa8468 2 года назад
Nagaan waqqayoo siif yaa ta,uu Fantu kotuu jalalaa waqqayoon matii koo naf ta'ii
@user-cr6ju5jq2u
@user-cr6ju5jq2u 2 месяца назад
Faarfannaankun irraderbiidhaan istidioo gaalee Addunyaa irratti faarfatamuuqaba inumaa Afaanota garaagaraatiin Macca hundumaa gahuu qaba Adaraa yaasabaa
@user-my3lr5xf9y
@user-my3lr5xf9y 3 дня назад
Dhuguumaa jetee Malo 🎉🎉
@JiregnaGutema
@JiregnaGutema 6 месяцев назад
Dhugumaan waaqayyoo beekadha Nama guddaa keenya nuuf Eebbifamaa!
@shewetesheti1506
@shewetesheti1506 Год назад
Àmeen Ameen Haalelluyyaa maaqan waaqaayyoon Kenya ulfina haa rgatu waaqqayyoonkoo bara baraan siihaaebbisu muca waaqaayyoo eebbifami kaanuman caalattiyyu ayyani waaqaayyoo siif haadabalamu ❤️❤️❤️❤️👏👏👏👏👏✊🙏✊✊❤️ 💕💖💓💓💝💖🤩😍🤩
@kiyyaamasfine1192
@kiyyaamasfine1192 2 года назад
Dinqisifatamuu qabdaa yaa umaa koo
@digedubai2213
@digedubai2213 2 года назад
Ameeeen ameeeen ameeeen ameeeen Waqqayyoo siihaa ebbisuu ebbifamii ❤❤❤❤❤❤❤❤🙏🙏🙏🙏🙏
@chimdipairman
@chimdipairman 5 месяцев назад
OMG dhugaa jettee
@sirikachali4164
@sirikachali4164 2 года назад
Eebbifami namako!!!
@amanuel_bekele
@amanuel_bekele 6 месяцев назад
Dhuguma dhageeffatamee hin quufamu, God bless you!! dhugaa dubbachuuf faarfannoonni kee jireenya hafuuraa koo irratti dhiibbaa guddaa uumeera. Nuuf jiraadhu!!
@merrymerry1232
@merrymerry1232 2 года назад
Dhugaa waqaa bayee isin jaladhaa matii waqayyoo nuf jiradhaa❤❤❤
@BOONEESHOW
@BOONEESHOW 2 года назад
Merry subcrbe nafi xuqi
@adanuugalataaadanuugalataa6655
@adanuugalataaadanuugalataa6655 10 месяцев назад
Ufeeeee waqaaa dinqqii ❤️❤️❤️❤️❤️🥰🥰🥰🥰🥰🥰🙌
@EBA-zi2cz
@EBA-zi2cz 4 месяца назад
Eebbifami!
@belachewbulto2229
@belachewbulto2229 2 года назад
wow ana baayyee dhuma na dhibaam jechoonnii ati filattee kun gargaarsaa waaqayyoo akka ta,ee hubadheera bara fuula kee durattii hafees seena bareedadhan akkaa xumurtuu waaqayyoo si haa gargaaruu faarfataan baayyee jalladhuu fii kabajuudha ati WAANAN JECHUUF JEDHUU KANARRATTII GARUU NAA OOFKALCHII innis immoo dhimmaa siyaasa keessaa galuun kun akkamiin siif galee hawwasattii darbee darbee gaaffii uumaa jiraa yoo danda,amee keessaan naaf ibsuu yaali faar dastaan siyaasa keessaa galee jedhuu darbee darbee kun si biratti akkamii ALBUNNII BIYYII KEENYAA QABDUU KEESSAA TOKKOO SIDHA SABABIINSAYYUU DHALOOTA BAAYYEETUU FAKKEENYA SI GODHATEE JIRA kanaaf waan xiqqoo mullattu kana akkamiin hawwaasa keenyaa hubachiisuu dandeessa
@aleemkw4145
@aleemkw4145 2 года назад
Amee Amee Amee heleuyuu heleuyuu uuuuuuuuuuu ffffffffff Amee Amee eebbifam eebbifam 🍇🍇🍇🎹🎹🎹🥁🥁🥁🎷🎷🎺🎺🙏🙏🙏🙏
@orotube44
@orotube44 2 года назад
Ameeen Ameeen Ameeen Eebbifama dachani heddu namati tolaa Ergaa barumsa addaa ofi keessa qaba 🥰🥰🥰🙏🙏
@farfatuubirqiimargaa8468
@farfatuubirqiimargaa8468 2 года назад
Nagaan waqqayoo siif yaa ta,uu ORoTuBE kotuu jalalaa waqqayoon matii koo naf ta'ii
@user-mp9pp1dl5s
@user-mp9pp1dl5s 10 месяцев назад
Amezing protestant songs of Desta insermu i will long life for him
@temesgenregassa
@temesgenregassa 2 года назад
Eebbifami. Faarsaa kana yeroo dheeraaf barbaadee barbaadee...dhabeen ture.
@user-gc3vt6xs2o
@user-gc3vt6xs2o 6 месяцев назад
Gochaa fii hojaa isaa diqqii
@hirutloveas3773
@hirutloveas3773 2 года назад
Ameen ameen amale ayana isa sifaa dabalu
@telilagutema6102
@telilagutema6102 Год назад
“Qalbiitu raatesssee itti buusa haasaa!” #Oofuu!!! Eebbifami haadhooko. Faarsaan yeroo hundumaa guutamaa dhaggeeffadhudha!!! Waaqayyo guddaa dha!
@lomitolasa6874
@lomitolasa6874 Год назад
Ameeeen Ameeeen Ameeeen dasitaa koo farfanaa kee baay,een jaladhaa
@jesusislord8313
@jesusislord8313 11 месяцев назад
Farfachuun kee ittumaa haa fuufu sanyii koo ❤
@hawii1034
@hawii1034 2 года назад
Ameeeeeen uuuuffffuuuufffeeeyy ebbifami daacha dacha haammas farfanna akka nu farfattu barbanna wantta aduu gaajjalla ilalu dhiisi
@alawalawalaw3943
@alawalawalaw3943 Год назад
Dinqisifatamuu qabdaa umaa koo 😢😢😢😢😢😢😢
@FrehiwotShime-jf3pb
@FrehiwotShime-jf3pb 6 месяцев назад
Eebbifaama bara baraan ❤❤❤❤❤❤ulfaadhu gooftaakoo
@BekamtiBayisa-7790
@BekamtiBayisa-7790 8 месяцев назад
Yaa jechoota@!!
@user-mo3ub9qu8j
@user-mo3ub9qu8j 8 месяцев назад
Ammeeeeee❤❤❤❤❤❤❤❤❤
@asteer966
@asteer966 9 месяцев назад
Wwooooww Ameeeeeeen Ameeeeeeen ebbifamaa ebbifamaa ebbifamaa
@amentiyonasofficial1892
@amentiyonasofficial1892 2 года назад
Awesome Gospel Song!🙏
@user-jg4if1mg7v
@user-jg4if1mg7v 9 месяцев назад
❤❤❤❤❤❤❤❤
@gaanatfyera811
@gaanatfyera811 2 года назад
Ameeen Ameeen Eebbifamaa dachan 🙏
@ruutlelisa3406
@ruutlelisa3406 2 года назад
AMEN AMEN 🙏🙏🙏🙏 EEBBIIFFAMMII DACHA ❤️❤️❤️💚💚💚💚
@farfatuubirqiimargaa8468
@farfatuubirqiimargaa8468 2 года назад
Nagaan waqqayoo siif yaa ta,uu Ruut kotuu jalalaa waqqayoon matii koo naf ta'ii
@LalisaaGudina-ug2og
@LalisaaGudina-ug2og 10 месяцев назад
Waaqayyoo sii eebbisuu
@diribebeyene1562
@diribebeyene1562 11 месяцев назад
Dachaa sii haa eebbisdu gooftaani❤❤
@kadosabanti7012
@kadosabanti7012 4 месяца назад
Safuuu Safuu
@yonasshiferaw7033
@yonasshiferaw7033 9 месяцев назад
talented worship song writer
@charabiratu8075
@charabiratu8075 2 года назад
Woow Desta keenya eebbi kee ammayyu haa baay'atu
@firomsaambaye1989
@firomsaambaye1989 10 месяцев назад
Glory to our Lord
@anioromoodha3010
@anioromoodha3010 2 года назад
gooftan sammuu namaaf banee yoo nama argisiise akka #Destaa Hinsarmuu kanattti namaaf yaa banu.#brand mind...
@user-lw4kf5hc3p
@user-lw4kf5hc3p Месяц назад
Uuuuuuuuuuuuufeeeeeè siyaaebbisuu dachaa❤❤❤❤❤❤❤❤🎉🎉🎉🎉🎉🎉🎉🎉🎉❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤
@abebe980
@abebe980 2 года назад
Eebbifami dachaa dachaadhaan ammas
@Eyesonjesus4ever
@Eyesonjesus4ever 2 года назад
Wow the talents the grace the anointing is astonishing ❤️🌳❤️🥰🥰🥰
@farfatuubirqiimargaa8468
@farfatuubirqiimargaa8468 2 года назад
Nagaan waqqayoo siif yaa ta,uu Caali kotuu jalalaa waqqayoon matii koo naf ta'ii
@user-wg2cj8kr5d
@user-wg2cj8kr5d 11 месяцев назад
Ameen eebbifamaa
@urjitakele8479
@urjitakele8479 6 месяцев назад
I have no words to say! 👏🙏🫶🥰🧎🧎🤔🤔
@miresalikissa7319
@miresalikissa7319 2 года назад
God Blesses more!!!!
@waaqqayyoogaariidhaa903
@waaqqayyoogaariidhaa903 2 года назад
Ammeee Ammeee ebbifamaa ....
@farfatuubirqiimargaa8468
@farfatuubirqiimargaa8468 2 года назад
Nagaan waqqayoo siif yaa ta,uu kotuu jalalaa waqqayoon matii koo naf ta'ii
@farfatuubirqiimargaa8468
@farfatuubirqiimargaa8468 2 года назад
Nagaan waqqayoo siif yaa ta,uu kotuu jalalaa waqqayoon matii koo naf ta'ii
@farfatuubirqiimargaa8468
@farfatuubirqiimargaa8468 2 года назад
Ameen Ameen Ameen
@dechasashone5579
@dechasashone5579 2 года назад
GOD BLESS YOU !
@naaomiichannel2490
@naaomiichannel2490 2 года назад
Eebbifamaa uuffeee
@user-ub5cx1nu4o
@user-ub5cx1nu4o 4 месяца назад
❤❤❤❤ 🙏🙏🙏🙏
@farfataakuresamiyoofficial4380
@farfataakuresamiyoofficial4380 2 года назад
Wwwwwhoooo
@prophethabtamuadmasu9188
@prophethabtamuadmasu9188 Год назад
Amazing spritual song
@abechbaba4936
@abechbaba4936 2 года назад
Wow Eebbifama 🙏🙏😍😍
@user-my3lr5xf9y
@user-my3lr5xf9y 3 дня назад
🎉❤❤
@fasoo3286
@fasoo3286 2 года назад
God is good🙏❤️
@teferaalemayehu9235
@teferaalemayehu9235 2 года назад
Faarfannaa bareedaa... yeroo hundaa hin quufamne....Eebbifami
@user-ee8nk2li7c
@user-ee8nk2li7c 10 месяцев назад
❤❤❤❤❤❤
@hawwiitugo315
@hawwiitugo315 10 месяцев назад
❤❤❤❤
@waqaayoogaridha4901
@waqaayoogaridha4901 2 года назад
Wwwwoowww dastiiyee farfanaa barbdaa turee nu fidee ebifamii jabadhu dhifamaa wajin garuu namaa hamakee dubatuu fedhu ani garuu wayee tik tok iratii namoonii si komataa jiruu yadaakee akka tik tok iraa kastee nuf farfatuu fenaa abaa beko😍😍😍
@farfatuubirqiimargaa8468
@farfatuubirqiimargaa8468 2 года назад
Nagaan waqqayoo siif yaa ta,uu kotuu jalalaa waqqayoon matii koo naf ta'ii
@user-mw7vw9nu2v
@user-mw7vw9nu2v 21 день назад
1FFAADHA 1111111111111111111111111111111111111
@dabaadisu8234
@dabaadisu8234 2 года назад
thank you so much bro
@fasoo3286
@fasoo3286 2 года назад
Wowowowo 🎼🎼🎼⛪
@chericheri2773
@chericheri2773 2 года назад
amen 🏡🏡🏡🏡
@MimiMimi-pu3pz
@MimiMimi-pu3pz Год назад
❤❤❤❤🙏🙏🙏🙏
@huwaeihuwaei790
@huwaeihuwaei790 2 года назад
🙏🙏🙏❤❤❤
@chatlubekele3080
@chatlubekele3080 2 года назад
⛪⛪⛪⛪🙏🙏🙏🙏
@ffaa7384
@ffaa7384 Год назад
AaammmmmmmeeeeeeennnnnnnAmmmmmeeeeeennnnnnAmmmeeeeeennn❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤
@monetmobilecomputer6671
@monetmobilecomputer6671 2 года назад
Obboleessakoo Dastaa faarsaa ajaa'ibatii
@jesusislord8313
@jesusislord8313 11 месяцев назад
❤❤❤❤❤❤
Далее
Əliyev və Putin kilsədə şam yandırıblar
00:29
Просмотров 211 тыс.
Dhaloota karaa badisaa filate!
42:33
Просмотров 3,1 тыс.
faarfataa baacaa bayyanaa
8:35
Просмотров 312 тыс.
Humna koo Utuu Beektuu na Waamte  Jaallattee
20:41
Просмотров 1,9 тыс.
Dastaa Hinsarmuu 2010
7:51
Просмотров 361 тыс.
Maal Attamittiin Dagatu
7:44
Просмотров 68 тыс.
Dastaa Hinsarmuu: Turi Yadiinkoo VCD 2007
51:11
Просмотров 23 тыс.
Obboloota keenya amantaa Orthodox hordofaniif!
1:21:18
Просмотров 17 тыс.
Hin Ilaalu Waan Lafaa
5:13
Просмотров 77 тыс.